Baafata barruu keennaa qiqindeessudhaaf: Microsoft word 2007

Baafata barruu keennaa qiqindeessudhaaf: Microsoft word 2007


Yeroo baay’ee Microsoft Word irratti yoo barruu barreessinu, keessattuu barruulee barnootaa fi kitaabotaan walqabatan, qabiyyeen isaanii kallattimaan fuula tokko jedhee hin jalqabu, akkasumas qabiyyeen isaanii kallattimaan gara yaada rimee yookan Boqonnaa tokko jedhee hin jalqabu. Duraan dursinee Fuula Golgaa(Cover Page) iti aansinee bara maxxansaa yookan seensa kitaabaa fi baafata kitaabichaa yookaan barreeffamichaa barreessuutu nurraa eeggama.
Hubadhu: Akkaataa microsoft power point itti baasuu dandeettuun beekuuf HIDHATA KANA ciqaasi.

Fuulota jalqabaa armaan olii kanneen ammo fuula(page number) isaan irratti baasuun nurraa hin eeggamu, yoo barbaachisaa tahe ammoo lakkoofsota Roomaa yookan ABCD itti galchuutu nurra jira(Maxxansa kana gara dhumaa irratti kanilaallu taha). Fuuulli barreeffamichaa yookan kitaabichaa tokko jedhee kan jalqabu fuula Boqonnaa tokko jedhee jalqabu irraa tahuu qaba. Kuni ammo yeroo baay’ee yoo namoota heddutti ulfaatu agarra.

Nutis har’aan tana kanuma irraa ka’uun akkaataa fuula(page number) barruu keenyaa iddoo feene  iraa ka’ee iddoo feenetti akka xumuruuf  tooftaa ittiin barreessuu dandeenyu siiff himuuf deemna. Akkuma dubbiftee xumurteen hiriyoota kee kan birootiif qooduu hin irraanfatin. Tooftaan kuni gabaabumatti fuulota yookan Peejota Microsot Word iddoo feenetti addaan qoqqooduu jechuudha.
Tartiibonni hunduu viidiyoo kana keessatti agarsiifamanii jiru, viidiyoo kana ilaali, yoo viidiyoon kun siif galuu baate itti fufii dubbisi:


Tartiibota Akaataa Microsoft irratti fuula fi baafata qiqindeessinuun


Tartiiba Tokko: Iddoo fuula tokko jettee jalqabuu barbaaddu sanii ol kan jiru irratti cuqaasi(fuulli biraa sanii ol yoo hin jiraanne tahe tartiiba lammaffaa irraa jalqabi), fakkeenyaaf  fuula boqonnaa tokko jedhee jalqabu sanii ol kan jiru Baafata(table of contents) tahuu danda’a, isa irratti naannawa hundee yeroo tokko qofa cuqaasi.

Tartiiba Lama: Karaa mataa kara harka bitaatiin jiru iddoo page layout jedhu irratti cuqaasi. Akkuma isa cuqaafteen filannoowwan heddutu siif  baha, isaan keessaa breaks kan jedhu cuqaasi. Akka fakkii armaan gadiitti breaks kan jedhu erga cuqaafte booda gabatee barruu heddu of irraa qabu tokko ni agarta, san keessaa Next page kan jedhu filadhu.Erga filattee booda mallatoon barreessituu(pointer) gara fuula itti aanuu yookan gara fuula ati fuula itti barreessu barbaaddu san ceeti.



Kuni ammoo yeroo tokko tokko Koompiitara irratti hundaa’uun fuula itti aanu qullaa godhuu danda’a, rakkoo kanaaf ammo kan yeroo biraa dubbannu taha.

Tartiiba Sadi:  Sana booda fuula ati irratti fuula barreessu barbaaddu san miiljalee isaa(footer) irratti yeroo lama(Double Click) saffisaan cuqaasi. Kuni ammoo akka fuula itti barreessinuuf iddo duwwaa nuuf kenna.

Tartiiba Afur:  Mataa walakka Microsoft irratti Link to Previous kan jedhu cuqaasi(halluu boora fakkaatu qaba ture, erga cuqaaftee booda ammo halluun irra bada, akka irraa baduuf cuqaafta).



Tartiiba Shan: Mataa gubbaa kara harka bitaatiin Page Number kan jedhu cuqaasi. Filannoowwan jaha sanduuqa keessatti ni argita, Format Page Number kan jedhu cuqaasi.

Tartiiba Jaha: Sanduuqa siif dhufu keessatti, number format kan jedhu cuqaasuun, 1,2,3 kan jedhu filadhu, akkasumas start at kan jedhu filachuun iddoo duwwa irratti lakkoofsa tokko barreessitii OK kan jedhu tuqi.

Tartiiba Torba: Ammas mataa gubbaa kara harka bitaatiin Page Number kan jedhu cuqaasi. Filannoowwan jaha sanduuqa keessatti siif dhufan keessaa Button of Page kan jedhu filadhu, yoo lakkoofsi fuulawwanii miila jalatti akka mul’atuuf barbaadde jechuudha. Yoo lakkoofsi fuulawwanii mataa gubbatti akka mula’atuuf barbaadde ammo Top of Page kan jedhu cuqaasi. Filannoowwan lamaan kanneen alatti page margin fi Current position kan jedhan ni jiru, akkaataa fedhii keetitiin filachuu dandeesa. Ammas filannoowwan hunduu filannoowwan xixinnoo mataa isaanii qabu(diizaayinii lakkoofsa fuulawwanii keessaa filachuu dandeessa).




Tartiiba Saddeet: Erga xumuruu kee hubattee booda, mataa gubbaa kara harka Mirgaatin Close header and footer kan jedhu cuqaasi.



Tartiiba Sagal: Gara Fuula baafataa(table of contents) ol deebi’itii fuula lammata baafatatti aanee argamu san irratti gara miiljalee(footer) irratti al-lam(double click) cuqaasi. Fuulli kun akka barruu barattootaatti yoo ilaalle  acknowledgement, abstract fi acronomy fa’i tahuu danda’a. Kanaafuu fuulawwan kanneen irratti fuula lakkoofsa Roomaa itti galchuutu nurra jira.

Tartiiba Kudhan: Erga miil-jalee irratti al-lama(double click) cuqaaftee booda, akkaataa tartiiba shanaffa san as irrattis irra deebi’i. San booda page format kan jedhu erga cuqqafteen booda number format kan jedhu irratti lakkoofsa roomaa(III) filadhu, akkasumas start at kan jedhu lakoofsa roomaa tokkoffaa (I) filadhuutii OK kan jedhu cuqaasi. Dhuma irrattis tartiibota Torba, Saddeet fi Sagal irra deebi’uun xumuri.

Lammiin Lammiif, Waraana qofaani miti, Beekkumsa irrattis wal yaamuuni malee! Lammii keetiif qooduun dirqama lammummaa keetii bahi.

No comments