Garaa garummaa Gmail fi Yahoo mail: Kutaa Tokkoffaa

Garaa garummaa Gmail fi Yahoo mail: Kutaa Tokkoffaa

Emailiin Maali?

Email yookin Electronic Mail jechuun sirna ergaa keenna karaa Viidiyoo, Awdiyoo, Fakkii akksumas barreeffamaan karaa koompitaraa fi Interneetiitin gara nama barbaannuu erginuudha. Emailiin gosoota ergaa keessaa isa tokko tahee kan yeroo gabaabaa keessatti qaqqabuudha.

Addunyaa kana irra namoonni Biliyoona 3.7 ol emailii akka fayyadamutu himama. Maarre emeelota addunyaa kana irra jiran 10 ol yoo tahan, kanneen keessaa gurguddoon Gmail fi Yahoo Mail faadha.
Hubadhu: Akkaataa Yahoo mail itti banatu HIDHATA KANA cuqaasudhaan dubbisi.

Nuti hedduun keenya Emeelota kannen lamaan akka fayyadamnu beekkamaadha, maarree har'aan tana waa'ee emeelota kanneeni tokko tokko isiniif qabannee dhiyaannee jirra, akkuma dubbiftanii geessaitaniin hiriyaa keessaniif qooduu hin dagatinaan dhaamsa keenya.


Garaagarummaa Gmail fi Yahoo Mail

Hundeeffama

Gmail (Google Mail) jecha guduunfaa jecha Google mail jedhu yoo tahu, kan hundeeffameen kaamoaanii Googliini.
Google kan hundeeffame September 7, 1998 USA magaalaa Kaalifoorniyaa keessatti, nomoota maqaan isaanii Larry Page fi Sergy Brin jedhamaniini.

Lammiin Lammiif, Waraana qofaani miti, Beekkumsa irrattis wal yaamuuni malee! Lammii keetiif qooduun dirqama lammummaa keetii bahi.

No comments